Question Title

* 1. Waxabajji 2020 keessa, Manni Maree Magaalaa Minneapolis moodelii  nageenya hawaasaa haaraa ta’e uumuuf waadaa seenee ture. Qaama waan sanaa ta’uu isaaniitiin, adeemsa kan waggaa guutuu hirmaannaa hawaasaa taasisuuf waadaa  seeananiiru. Hirmaannaan kunis hawaasa Minneapolisiin moodelii inni haaraan maal fakkaachuu akka qabu gaafata. Qu’annoon kun tarkaanfiiwwan adeemsa sana keessa jiran keessaa isa jalqabaa ti. Hojii kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf maaloo marsariitii: https://www.minneapolismn.gov/community-safety/ daawwadhaa.

Kaayyoon qu’annoo kanaa haalli nageenya  miseensonni hawaasa Minneapolis maal akka fakkaatu adda baasuu fi moodelii haaraan akkamiin hojii irra ooluu akka danda’u  yaada dhiyeessuuf. Bahiiwwan qu’annoo kana irraa argaman aangawoota filatamaniif gorsa qopheessuuf gargaaru. Inni kun dabalataanis hirmaannaa hawaasa keenyaa keessatti sadarkaawwan  itti aanan qajeelchuuf kan nu garagaaru ta’a.

Gaaffiileen tokko tokko mata duree cimoo (sensitive topics) kaasuu danda’u.  Qu’annoo kana keessatti gaaffiilee irra darbuu barbaaddan kam iyyuu irra utaaluu dandeessan ykns qu’annoo kana yeroo barbaaddanitti dhiisuu dandeessu.  Waa’ee fayyummaa sammuu, miiraa, hafuuraa fi qaamaa ilaalchisee odeeffannoo muraasa magaalicha keessaa  bakka kanaa  argachuu dandeessu.

Odeeffannoon dhuunfaa (Privacy) keessanii iccitiin qabamuun isaa  nuuf barbaachisaa dha. Qu’annoo kana keessatti  yaadni isin dhiheessitan, hojjetoota Minneapolis kanneen hirmaannaa  kanaratti hojjetaniif  kan qoodamu ta’a. Bahiiwwan qu’annoo kana irraa argaman aangawoota filatamaniif gorsa qopheessuuf gargaaru. Maqaa keessan akka guuttaniif hin gaafatamtan.  Qu’annoo  kana yoo fudhachuu dhiisuu filattan  ykns adeemsa keessa gargara kuttanii yoo keessa baatan  dhiibbaan isin irra ga’u hin jiraatu.

Qu’annoo kana guutuun tilmaamaan daqiiqaa 15 qofaa fudhata.

Bakka buufataa barbaachisaa ta’ee fi  bifa (format) kan biroof maaloo, violenceprevention@minneapolismn.gov  ykn Namoonni  dhaga’uu hin dandeenye(deaf) ykn rakkoo dhageettii kan qaban tajaajila gargaarsaa (relay)  fayyadamuun 311 qunnamuuf  612-673-3000 irratti bilbiluu dandeessu.  Fayyadamtoonni TTY   612-263

Para asistencia, llame al 612-673-2700 - Rau kev pab 612-673-2800 - Hadii aad Caawimaad u baahantahay 612-673-3500.

Odeeffannoo armaan olii erga dubbiftaniin booda qu’annoo kana fudhachuuf fedhii qabduu?

T